Fana: At a Speed of Life!

Mariin Paanaalii mata duree “Ida’amuu tokkummaa sabdaneesummaaf” jedhun gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC) – Mariin paanaalii mata duree “Ida’amuu tokkummaa sabdaneesummaaf” jedhun gaggeeffamaa jira.
Mariin kun Tajaajila Oduu Itoophiyaan kan qophaa’e yoo ta’u waraqaleen qorannoo yaadama Ida’amuurratti xiyyeeffatan afur dhihaatanii irratti ni mariyatama jedhameera.
Dabalataan marii kanaan yaadamni ida’amuu nageenya, Misooma akkasumas badhaadhina mirkaneessuu keessatti gahee inni qaburratti bal’inaan ni mari’atama jedhameera.
Gama biraatiin waltajjjii marii kanaan yaadota waliigaltee biyyaalessaa uumuu dandeesisan irrattis xiyyeeffachuun ni mari’atama jedhame.
Marii kanarratti itti aantuu Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota uummataa Aadde Loomii Badhoo, Jiddugala qindeessa ijaarsa diImokiraasii Waajjira Muummee Ministiraatti Ministirri qunnamtii uummataafi idil addunyaa Obbo Addisuu Araggaa, Hoji gaggeessaa olaanaa TOI Obbo Seefaa Darribee, hoggantoota hojii mootummaa, fi paartiilee siyaasaa adda addaa dabalatee keessuummoonni waamichi taasifameef argamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.