Fana: At a Speed of Life!

Mariin Biyyaaleessaa walamantaan ummatoota gidduu akka jiraatuuf gargaara-Amb. Mahaammad Diriir

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2015 (FBC)- Mariin Biyyaaleessaa wal amantaa ummatoota gidduu akka jiraatuuf kan gargaaru ta’uu Koomiishinarri Koomiishinii Marii Biyyaaleessaa Ambaasaaddar Mahaammad Diriir dubbatan.

Koomiishinichi ajandaa marii walitti qabuuf hojiilee hojjetamanii fi hirmaatoota marichaa filachuuf jirattoota Naannoo Hararri waliin mari’achaa jira.

Koomiishinarri Koomiishinichaa Ambaasaaddar Mahaammad Diriir, mariin biyyaleesaa ummatoota gidduutti, akkasumas lammiilee fi mootummaa gidduu wal amantaan akka jiraatuuf gahee qabaachuu ibsaniiru.

Marichi lammiilee gidduutti walitti bu’iinsa mariin furuun, waliigaltee hawaasummaa guddisuuf gahee olaanaa kan qabaatu ta’uun eerameera.

Marichi garaagarummaa karaa dimookiraasiin furuuf kan dandeesisuu ta’uunis ibsameera.

Mariicharratti hawaasni naannicha hirmachaa jiraachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.