Mariin Addis Wag Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC) – Mariin Addis Wag ‘Waamicha birmadummaa biyyaa fi hirmaannaa biyya baraaruu’ mata duree jedhuun Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeeffamaa jira jedhame.
Waajjira Muummeen Ministiraatti Itti gaafatamaan Waajjira Qindeessaa ijaarsa sirna Diimookiraasii Dooktar Biqilaa Hurrisaan Ityoophiyaan duula birmadummaa biyyaarratti kan argamtu ta’uu ibsaniiru.
Duula birmadummaa biyyaa kanaan lammiileen Ityoophiyaa biyya isaanii eeguuf kutannoon daangaa hanga daangaatti socho’aa jiraachuu ibsaniiru.
Qormaanni biyya quunname ummanni waloon akka socho’aniif carraa gaarii uumuu eeraniiru.
Ummanni Ityoophiyaan sochii waraana Adwaa gadi hin taaneen waloon socho’aa jiraachuu Dooktar Biqilaan kaasaniiru.
Kanaan humni kuufamaan hin tuqamne jiraachuu hubachuu danda’ameera jechuu isaanii ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.