Fana: At a Speed of Life!

Marii ummataa boru gaggeeffamuuf qondaaltonni mootummaa M/Dirree Dhawaa galan

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Marii ummataa boruu gaggeeffamuuf qondaaltonni mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa galaniiru.
 
Waltajjiiin mari ummataa mata duree “Obbolummaa sabdaneessummaa nageenyaa waaraa fi badhaadhinaa hunda galeessaaf” jedhuun magaalota 20’tti kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.
 
Haaluma kanaan marii ummataa Magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamuuf Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi fi Itti Gaafatamaan Waajjiira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Tsaggaayee Maammoon magaalatti galaniiru.
 
Qondaaltonni kunneen wayita magaalattii galanittis Kantiibaa Magaalaa Dirree Dhawaa Kadiir Juhaariin dabalatee qondaaltota magaalatti biroon simatamaniiru.
 
Waltajjii boru gaggeeffamuun ajandaalee garaagaraarratti ummataa waliin ni mari’atamaan kan eegamuudha.
 
Yismaawu Adaraawutu gabaase.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.