Fana: At a Speed of Life!

Marii nageenyaa Gamtaa Afrikaan gaggeffamuurratti mootummaan hirmaachuuf qophii ta’uun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC) – Mariin nageenyaa Gamtaa Afrikaan hogganamuurratti hirmaachuuf mootummaan qophii ta’uu Gorsaan Nageenyaa Biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan.

Ambaasaaddar Reedwaan miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka beeksisanitti, mariin nageenyaa Wiixata dhufu Onkololeessa 14, 2015 Afrikaa Kibbaatti akka gaggeeffamu eerame.

Marii gamtichaan gaggeeffamu irratti hirmaachuuf mootummaan qophii ta’uus ibsaniiru.

Ta’us, ammas mootummaan, birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf tarkaanfii ittisaa fudhatu maqaa balleessuuf, himannaa sobaa banuu fi adeemsa nageenyaa gufachiisuuf qaamolee tattaafatan qeeqeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.