Fana: At a Speed of Life!

Marii hayyoonniifi dargaggoonni Tigraay gaggeessaa turan xumurame

Finfinnee, Mudde 12,2015(FBC)- Marii hayyoonniifi dargaggoonni Tigraay guyyoota sadiif gaggeessaa turan xumurame.

Marichi adeemsa jijjiiramaa Ityoophiyaa, waliigaltee nageenyaafi naannoo Tigraay deebisanii dhaabuurratti xiyyeeffachuu eerameera.

Hirmaattonni marichaa waliigaltee Piriitooriyaa kan deeggaran ta’uufi hojiirra oolmaasaaf gaheesaaniikan ba’atan ta’uu hirmaattonni marichaa ibsaniiru.

ABUT tattaaffii nageenyaa mootummaan eegale akka deeggaruufi hojiirra oolmaa waliigaltichaaf kutannoo akka qabaatu yaadachiisaniiru.

Sagantaa cuufinsa marichaarratti kan argam Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay, qaamoleen naannichatti jijjiiramni akka dhufu barbaadan guyyoota sadiif warii cimaa gaggeessuu ibsaniiru.

Dameewwan siyaasaa, hawaasummaafi diinagdeen bu’aa galmeessifamaa jiraachuusaa walhubannoorra gahamuu dubbataniiru.

Biyya ceesisuufi naannoo Tigiraayitti jijjiirama bu’uuraa fiduuf waliigalteerra gahamuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.