Marii biyyaalessaa hunda galeessa taasisuun waliigaltee waloorra gahuun barbaachisaadha- Obbo Taayyee Danda’aa
Finfinnee, Guraandhala 27, 2015(FBC)- Marii biyyaalessaa hunda galeessa taasisuun waliigaltee waloorra gahuun barbaachisaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aa ibsan.
Ministeerri Nageenyaa dhaabbilee tola ooltotaa garaagaraa waliin ta’uun konfiransii ijaarsa nageenyaa qaamolee addaa addaa hirmaachise gaggeesseera.
Ministeerri Nageenyaa hojiilee waliigaltee biyyaalessaa, nageenya waaraafi tokkummaa cimsuu danda’an hedduu hojjechaa jiraachuu obbo Taayyeen ibsaniiru.
Tokkommaa keenya cimsuun dhimma filannoof dhiyaatu osoo hin taane dirqama kan jedhan obbo Taayyeen, akka biyyaatti marii biyyaalessaa hammataa ta’e gaggeessuun dhimmoota ijoo biyyaalessaarratti mari’achuun waliigaltee waloorra gahuu qabna jedhan.
Konfarinsicharratti hojiilee Komishinii Marii Biyyaalessaa, Ministeera Nageenyaa, Boordii Filannoo Biyyalessaafi Komishinii Mirgoota Namoomaan hojjetamaa jiran irratti ibsi kennameera.
Konfiransicharratti bakka buutonni mootummoota federaalaafi naannolee, miidiyaalee, waldaalee siiviilii, hoggantoonni paartilee siyaasaafi hayyoonni hirmaachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.