Fana: At a Speed of Life!

Marii biyyaalessaa gaggeeffamuuf mariin paartilee siyaasaa ga’ee olaanaa qaba jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 18,2015(FBC)- Marii biyyaalessaa Ityoophiyaatti gaggeeffamuuf mariin paartilee siyaasaa ga’ee olaanaa qabaachuu ibsame.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa marii paartilee siyaasaa biyyattii gidduutti taasifamu itti fufsiisuuf hoggantoota paartilee siyaasaa waliin waltajjii marii gaggeessaa jira.

Ittaanaan Walitti Qabaa Boordichaa Wuubisheet Ayyalaan, kanaan dura sanadni waliigaltee mallatteeffamuu yaadachiisuun hariiroo paartilee siyaasaa cimsuuf mariiwwan garaagaraa kan taasifaman ta’uu eeraniiru.

Mariisistoota dabalatee adeemsa marichaarratti mariin kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.

Mariin paartilee siyaasaa gidduutti taasifamu fiixaan baanaan marii sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamuuf gahee olaanaa qabaachuu addeessaniiru.

Hoggantoonni paartilee siyaasaa waltajjicharratti argaman gamasaaniin, waliigaltee dhabuun paartilee siyaasaa tokkummaa biyyaarratti dhiibbaa kan uumu waan ta’eef mariin barbaachisaadha jedhan.

Hoggantoonni siyaasaa yoo waliigalan uummanni waliigaluu akka danda’u kaasuun, marii biyyaalessaaf yaada ijaarsaa akkaataa ta’uu danda’uun mariin itti fufuu akka qabu eeraniiru.

Tsaggaayee Wandiwasaniifi Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.