Fana: At a Speed of Life!

Mareen biyyaalessaa rakkoolee biyyattii muudataniif furmaata fida – Dooktar Diimaa Nagawoo

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Mareen biyyaalessaa rakkoolee biyyattii yeroo ammaa muudataniif furmaata fida jedhan Hayyuun Siyaasaa Dooktar Diimaa Nagawoon.
Tarkaanfiiwwan biyyattii gara waliigaltee biyyaaleessaatti ceesisuu danda’an akkasumas, mariiwwan adeemsifaman rakkoolee biyyattii amma mudataa jiran dabalatee gufuuwwan mudataa deemaniif furmaata ni fidu jedhan Dooktar Diimaan.
Mariin biyyaaleessaa Ityoophiyaa keessatti adeemsifamuun kan irra ture waggoottan digdamaafi soddoma dura ta’us amma adeemsifamuun isaa maricha dhiisurra wayya jedhu.
Maricha adeemsisuun kan baay’ee harkifate ta’uun isaa osoo beekamuu sababa adda addaa tarreessuun “yeroo ammaa adeemsifamu hin danda’u” yaadni jedhu dogoggora ta’uusaarraa darbee, biyyattii keessatti nageenyi akka hindhufneefi kana caalmaatti waliigalteen akka hin uumamne kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Lubbuufi qabeenyi namaa kana caalaa akka hin badneef yeroon adeemsifamuu akka qabus hubachiisaniiru.
Rakkoolee yeroo ammaa biyyattii keessatti mul’atan caalmaatti akka walxaxan gochuurra darbee qaamolee meeshaa waraanaa hidhatanii bosona jiranin furmaata waan hin arganneef haalli qaamoleen kunneen gara marichaatti dhufan mijachuu akka qabu dubbataniiru.
Dhimmoota biyyaalessaarratti yaadoonni garagaraa akka jiran kan ibsan Dooktar Diimaan, marichi addaddummaawwan mul’atan hedduu isaanirratti hawaasni akka waliigaluuf haalota mijeessuu akka danda’u dubbachuu isaanii DhPI gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.