Fana: At a Speed of Life!

Mareen biyyaalessaa nageenya waaressuuf boqonnaa murteessaadha – Komishinii Maree Biyyaalessaa

Finfinnee, Adoolessa 17, 2016 (FBC) – Mareen biyyaalessaa nageenya waaressuuf boqonnaa murteessaa ta’uu isaan hawaasni hirmaannaa hoo’aa akka taasiisu komishiniin Maree Biyyaalessaa waamicha dhiyeesseera.

Komishinichi naannoo Beenishaanguul Gumuzitti filatamtootaa fi qooda fudhattoota kuma 1 fi 200 ol kutaalee hawaasaa bakka bu’an waliin ajandaa walitti qabuurratti marii gaggeessuu eegaleera.

Mariin kun guyyoota jahaaf kan turu ta’uu Komishinarri Komishinii Maree Biyyaaleessaa Zagayyee Asfaaw himuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf mareen biyyaaleessa boqonnaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni adeemsa marichaarratti hirmaannaa hoo’aa akka taasiisan gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.