Fana: At a Speed of Life!

Mareefi Marabbaan biyya waloo keenyaa Ijaarra! – BMNO

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannichatti nageenya waaressuuf, maree biyyaalessaaf haalli mijaawaan akka uumamu gumaacha irraa eegamu hunda taasisaa jiraachuu beeksiseera.
 Biiroon Kominikeeshinii Mootummaan naannichaa dhimmicha ilaalchisee ibsa baaseera.
Mareefi Marabbaan biyya waloo keenyaa Ijaarra jedheera.
Guutuun ibsichaa haala armaan agadiin dhiyaatera.
Itiyoophiyaan kuufama qormaataawwan keessaafi alaa mudachaa turan qolachaa har’a geesse. Saboonni, Sablammoonniifi Uummattoonni Itoophiyaa biyya birmadummaa qabdu ijaarrachuuf lafeen isaanii waliin cabee dhiigni isaanis waliin dhangala’e.
Kun dhugaa haalamuu hin dandeenye dha. Haata’u malee, sirnoonni darban ijaarsa biyyaa keessatti dhugaa waloo sabootaa moggaatti dhiibaa seenessa qeenxee leellisuun sabdaneessummaa xiqqeessaa rakkoon siyaasaa hidda akka gadi fageeffatu taasise.
Kuufama qormaatilee dhalootaa dhalootatti darbaa dhufan mareefi marabbaan furuu dadhabuun idaa bule irratti hiyyummaa, wal gaarreffannaafi qoqqoodinsi golgaa afaanii, aadaa, amantaafi sabummaa bu’uureeffate waliin jireenya sabootaa miidhuu bira darbee tokkummaa biyyaalessaa gaaffii keessa galchuun hudhaa ijaarsa biyyaa ta’eera.
Kanaafis wal utubuurraa wal sakaaluu, jaalalarra jibba, tokkummaarraa garaagarummaa, badhaadhina waloo milkeessuurra waraana labsuu, seenessa sobaa leellisuufi wal jibbiinsa facaasuun baramaa turee jira.
Kuufamni qormaatilee rogdaneessiifi wal xaxoo ta’an kunneen biyya hunda keenyaaf taatu, hunda keenyas fakkaattuufi hundarraas ijaaramte waloon milkeessuuf qormaata hamaa turan.
Kanaafis mareefi araarri biyyaalessaa akka biyyaatti gaggeeffamuuf jedhu rakkoo keenya duguugnee furuu kan dandeesisu waan ta’eef uummanni Oromoo ajandaa tarkaanfataafi moo’ataa dhugaa waloo ijaaru qabatee dhiyaachuu qaba.
Dhaloonni har’aa ajandaa seena qabeessa kana milkeessuun kuufama idaa kaleessaa mareefi marabbaan furee boqonnaa haaraa akka banuuf seenaan abbaa carraa taasiseera.
Carraan argame kun yoo sirnaan itti fayyadamne rakkoo waloo keenyaa furree araara biyyaalessaa mirkaneessuun nageenya waaressee biyya hunda keenyaaf taatu ijaarrachuuf boqonnaa murteessaadha.
Kanaafis dhimma dhuunfaarra dhimma sabaafi biyyaa caalchisuu, wal dhaga’uu, tokkoomuun ajandaa moo’ataa bu’uura ijaarsa biyyaa cimsu waloon qabaachuufi garaagarummaa hir’ifnee dhimma waloo jabeessuun qormaataaf idaa kuufame osoo hin taane biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuf hojjetamuu qaba.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannichatti nageenya waaressuu, duudhaa ganamaa jabeessuufi maree biyyaalessaaf haalli mijaawaan akka uumamuuf kutannoon gumaacha irraa eegamu hunda taasisaa jira. Imala kanaan dhibdeen siyaasaa ni furama, ijaarsi biyyaas bu’uura cimaa ni argata.
Sirna federaalizimii sabdaneessaattis ulfina horuun tokkummaan biyyaalessaaf bu’uurri cimaan ni kaa’ama. Oromiyaan ijaarru, Itoophiyaan utubnuufi gaanfi Afriikaa tasgabbeessinu imala Kanaan milkaa’a.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Caamsaa 23/2016
Finfinnee
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.