Fana: At a Speed of Life!

Maree biyyaalessaa eegalchiisuuf mootummaan qophii garaagaraa taasiisaa jira – TKM

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – Maree biyyaalessaa eegalchiisuuf mootummaan qophii garaagaraa taasiisaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.
Mootummaan Marii biyyaaleessaa eegalchiisuuf qophii dhaabbatummaa fi uwwisa seeraa taasiisaa jiraachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan ibsa laataniin eeraniiru.
Mootummaan mariin biyyaalessaa hunda hammate akka gaggeeffamu kan amanu ta’uu ibsuun, wixineen labsichaa qaamolee dhimmi ilaallatu erga irratti mari’atamee booda Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyaachuun akka ragga’uuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Marichi dhimmoota gurduddoo biyyaaleessaarratti qaama dhimmi ilaallatu waliin marii taasiisuun ijaarsa biyyaa mirkaneessuu fi walii galtee biyyaaleessaa uumuuf ta’uu kaasaniiru.
Haalli marichaa akkaataa kamii fi eenyu waliin akka gaggeeffamu qajeelfamni qophaa’aa jiraachuu kaasaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.