Fana: At a Speed of Life!

Maqedooniyaan Mattuutti Birrii miiliyoona 130’n giddugala ijaaruufi

Finfinnee, Hagayya 13, 2015 (FBC)- Dhaabbanni tola oolaa kunuunsaa maanguddootaa fi dhukkubsattootaa Sammuu maqedooniyaan Magaalaa Mattuutti Birrii miiliyoona 130’n giddugala ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’e.

Daayrektoreetiin Dhimmoota Naannolee Dhaabbatichaa Obbo Maahitamaa Baqaaluu akka ibsanitti Magaala Mattuutti maanguddootaa fi dhibamtoota sammuu 50’f kunuunsa taasisa jira.

Giddugalli dhaabatichi ijaarsisu kunis maanguddootaa fi dhukkubsatoota sammuu Godina Iluu Abbaa Boorii fi naannolee ollaatti argaman kunuunsuuf haala mijataa kan uumuudha jedhan.

Namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen garaagaraa akkasumas qaamoleen mootummaa ijaarsaa giddugalichaa fi hojiilee dhaabbatichi gaggeessu akka tumsan gaafataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Mattuu Obbo Girmaa Taarraqanyi, bulchiinsi magaalichaa dhaabbaticha itti dhiyeenyaan kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Indaalkaachoo Tafarii gama isaaniin hojiin tola ooltummaa onnee gaarummaa yaadurraa kan madduu waan ta’eef, hunduu akka tumsa taasisu waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.