Fana: At a Speed of Life!

Maqalee dabalatee magaaloonni naannoo Tigraay hedduun tajaajila Elektirikaa argatan

Finfinnee, Mudde 6, 2015 (FBC) – Waliigaltee nageenyaa Mootummaa fi ABUT gidduutti taasiifame hordofee Maqalee dabalatee magaaloonni naannoo Tigraay hedduun tajaajila Elektirikaa argachuu ibsameera.

Haaluma kanaan magaalaa Maqalee, Kuyihaa, Saamre, Haragara Salaam, Carcaraa fi kanneen biroo Tajaajila Elektirikaa argachuu isaanii himameera.

Akkasumas Wuqiroo,Hawuzeen Atsibbii, Fireewayinii, Addigiraat, Bizaat, Zaalaanbassaa, Antiichoo fi naannawaa isaanii buufata Wuqiroo fi Hawuzeen irraa tajaajila Elektirikaa fayyadamoo ta’uu eerameera.

Gama biroon magaaloonni Allaamaaxaa fi Maayicoon Tajaajila Elektirikaa adda citee ture irra deebiin argataniiru.

Magaaloonni Shiree, Salakilaakaa fi Indabbaagguunaan Buufata Elektirikaa Shireerraa tajaajila argataniiru jedhame.

Sararri Shiree – Aksum ammoo suphaarra jiraachuu ibsameera.

Magaaloonni Buufata Adwaarraa argatan Adwaa, Raamaa, Nabalat, Iddaaggaa Arbii, Iddaaggaa Hamusiif tajaajila Elektirikaa qaqqabsiisuuf hojiin suphaa hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Naannoo Tigraay, Amaaraa fi Afaar sababa waraanaan tajaajila Elektirikaa dhaban irra deebiin fayyadamoo taasiisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjeetamaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikaa ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.