Fana: At a Speed of Life!

Mannneen Barnootaa sadarkaa 2ffaatti sagantaa nyaata barattootaa eegalchiisuuf qorannoon gaggeeffama jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 3, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Mannneen Barnootaa sadarkaa 2ffaa keessaatti sagantaa nyaata barattootaa eegalchiisuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Ejansiin Nyaata Barattootaa Bulchiinsa magaalichaa beeksiise.
Bara barnootaa 2014 sagantaa nyaata barattootaaf Birrii biiliyoonni 1.7 qabamuu Daayreektarri Ejansichaa obbo Isaayyaas Mihirat Faanaa Broodkaasting Korporeetiif himaniiru.
Baajanni bara kana qabame kana bara darbee Birrii miiliyoona dhibba 5 kan caalu ta’uu ibsaniiru.
Sangantaan nyaata barattootaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessa qofa ture bara baajataa 2014 keessa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa keessatti eegalchiisuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu obbo Isaayyaas ibsaniiru.
Sagantaan kun rakkoolee harcaatii barattootaa, barfachuu fi rakkoo barattoonni gara kutaa itti aanuutti darbuu dadhabuu ture kan furu ta’uu kaasaniiru.
Dabalataan uffata seeraa(Yuuniifoormiif) baajanni Birriin miiliyoonni dhibbi 8 qabamuu ibsaniiru.
Sisaay Geetinnatiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.