Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Mana Murtii Mirgoota Namoomaa fi Ummataa Afrikaa waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC)- Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa fi Manni Murtii Mirgoota Namoomaa fi Ummataa Afriikaa walta’iinsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigaltechaas Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Aadde Ma’aazaa Ashannaafii fi Pireezidaantii Mana Murtii Mirgoota Namoomaa fi Ummataa Afriikaa Imaanii Daawud mallateessaniiru.

Bu’uura waliigaltechaan manneen murtii lameen muuxannoo waljijjiruu dabalatee dhimmoota garaagaraarratti walta’iinsaa kan hojjetaaniidha jedhameera.

Aadde Ma’aazaa Ashannaafii akka jedhanitti, waliigaltechi ijaarsa dandeettii irratti waloon hojjechuuf carraa kan uumuudha.

Qorannoo fi qo’annoo akkasumas leenjii waloon gaggeessuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Imaanii Daawud gama isaaniin, waliigaltechi mootummaa Ityoophiyaa eegumsa mirgoota namoomaa irratti kutannoo qabaachuuf akeektuudha jedhan.

Manni murtichaas sadarkaa biyyaalessaatti wayita waliigaltee mallatteessu kan jalqaba ta’uu eeruun biyyoota Afriikaa biroof fakkeenya akka ta’u dubbataniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.