Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtiichaa galmee obbo Jaawaar Mahaammadfa laale

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) – Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi yakkaa dhimma shororkeessummaa fi heera mootummaa 1ffaan galmee himannaa obbo Jawaar Mahaammadfaa laale.

Obbo Jawaar Mahaammad, obbo Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Adaanaa(Booranaa) fi Dajanee Xaafaa dabalatee himatamtoonni 21 abukaatota isaanii 12 waliin dhaddacha dhiyaataniiru.

Obbo Dajanee Guutamaa, Dooktar Birihaana Masqal Abbabaa fi Dooktar Tsaggaayee Araarsaan jireenyi isaanii biyya alaa ta’uu isaatin dhaddacha hin dhiyaanne.

Dhaddachichi himata dubbisuu fi raawwii ajajoota laatamanii hordofuufi har’atti beellama kan qabate.

Abbaan Alangee Federaalaa himannichaan ragaalee 146, meeshaalee egzibiitiin qabaman, sanadoota addaddaa dhiyeessera.

Abukaatonni himatamtootaa falmii himannaa banamee karaa reejistiraaratiin Onkololeessa 23tti akka dhiyeeffatan, Sadaasa 18,2013 ammoo deebii abbaa alangee dhaggeeffachuuf beellama qabeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.