Fana: At a Speed of Life!

Manni murtii namoota ajjechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan shakkamaanii too’atamanirratti poolisiin qorannoo dabalataa akka taasisuuf guyyaa 10 eeyyame

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – Manni murtii namoota ajjechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan shakkamaanii too’atamanirratti poolisiin qorannoo dabalataa akka taasisuuf guyyaa 10 eeyyame.

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan shakkamanii too’annaa jala kan oolaan Xilaahuun Yaamii fi Abdii Alamaayyoo har’a mana murtiitti kan dhiyaatan yoo ta’u, manni murtii poolisiif yeroo qorannoo dabalataa guyyaa 10 eeyyameera.

Qorataan poolisii yeroo dabalataa kanaan dura laatamefi hojiiwwan qorannoo hojjete ifa godheera.

Jecha ragoolee dabalaataa fudhachuu, raga teekiniikaa garagaraa walitti qabuu, namoota shakkamtoota kana duuba jiran too’annoo jala oolchee qorachaa jiraachuu dhaddachaaf ibseera.

Dabalaataan guyyaan qorannoo 14 akka laatamufis gaafateera.

Manni murtiis hojiiwwan qorannoo raawwatee akka dhufuuf guyyaa 10 eeyyameera jechuun Taarik Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.