Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtii Aadaa rakkoolee Nageenyaafi Hawaasummaa furuuf ga’ee olaanaa qaba jedhame

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti Manni Murtii Aadaa rakkoolee Nageenyaafi Hawaasummaa furuuf keessatti ga’ee olaanaa ba’achaa jiraachuu ibsameera.

Itti gaafatamtuun Waajjira Aadaa fi Turizimii godina Arsii Lixaa Aadde Maliyaa Tufaa, Mana Murtii Aadaatti dhugaa baasuu, beenyaa kaffaluu fi araarsuun murtiiwwan idileerraa adda isa taasisa jedhan.

Kaayyoon Mana Murtii Aadaa: Aadaa, duudhaafi safuu hawaasni ittiin bulu sirneessuufi itti fufsiisuun rakkoo jiru murtii dhugaatiin hiikuu ta’uu Bulchaan godina Arsii Lixaa Obbo Ahimad Haajiin ibsaniiru.

Akka godinichaatti Manni Murtii Aadaa jalqabaa 288 fi Oldabarfataa 15 hundeeffamanii hojitti galaniiru jedhame.

To’annoo fi hordoffiin adeemsa mana murtichaaf taasiifamu laafaa ta’uun akka hir’innaatti kan mul’ate ta’uu eerameera.

Jibriil Huseentu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.