Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa shakkamtoota yakka shororkeessummaa raawwachuuf boombii10 mana keessa dhoksuun to’ataman irratti qorannoo dabalataaf guyyaa 14 eeyyame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015(FBC)- Manni murtichaa shakkamtoota yakka shororkeessummaa raawwachuuf boombii10 mana keessa dhoksuun to’ataman irratti qorannoo dabalataaf guyyaa 14 eeyyameera.

Karaa idilee hin taaneen gurmaa’uun heera mootummaafi sirna heera mootummaa humnaan diiguuf karoorsuun akkasumas yakka shororkeessummaa raawwachuuf boombii 10 mana jireenyaa magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Ekkee kireeffatanii taa’an keessa dhoksuun Shakkamuun to’ataman irratti qorannoon dabalataa akka gaggeeffamuuf manni murtii guyyaa 14 eeyyameera.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi Beellama Yeroo Jalqabaa Ramaddii Lidataa qabxiilee ka’umsa yakka shororkeessummaa poolisii qorataan komishinii poolisii dhiyeesseefi qabxiilee falmii shakkamtoonni dhiyeessan beellama guyyaa har’aa waaree boodaan ilaaleera.

Shakkamtoonni yakka shororkeessummaa raawwachuuf boombii 10 mana kireeffatan keessa dhoksuun to’ataman shakkamaan 1ffaan Mollaalliny Siisaay, shakkamaa 2ffaan Abrahaam Geetinnat jedhamu.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.