Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa obbo Jawaar Mahaammadfaa irratti ragaalee qorannaan duraa dhageessisuuf beellama jijjiirramaa laate

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Manni murtichaa obbo Jawaar Mahaammadfaa dabalatee shakkamtoota 8 irratti ragaalee qorannaan duraa dhageessisuuf beellama jijjiirramaa laate.

Manni marichaa ragaalee Abbaa Alangee Waliigalaa Federaalaa dhageessisuuf har’atti beellama qabatee akka ture ni yaadatama.

Yaata’uutii obbo Jawaar Mahaammad dhukkubsadheera jedhanii dhaddacharraa ba’aa deebi’uun adeemsa ragaa ni gufachiisan beellama jijjiirramaa laatera.

Obbo Jawaar dhukkubsachaa jiraachuu mana murtichaatti himuun qilleensa fudhachuuf ba’anii kan ture yoo ta’u, abbaan alangee yaada ragaalee galmeessisaa osoo jiruu gara dhaddachaa seenaniiru.

Kunis adeemsa ragaa dhaggeeffachuu ni gufachiisan beellama Hagayya 14,2012tti qabeera.

Itti aantuun daayreektara Mana Sirreessaa Poolisii Federaalaa Koomaandar Yeneenash G/igzi’aabheer haala qabiinsa shakkamtootaarratti ibsa laataniin, namoonni 5 vaayrasii koroonaatin qabamuu ragaa mana yaalaa dhiyeessaniiru.

Obbo Jawaar gama isaanitiin haadha warraa fi ilma isaanii viidiyoo koonfaransiin arguuf gaafataniiru.

Dabalataan ogeessi fayyaa dhuunfaa isaanii hordoffii akka taasisuuf gaafataniiru.

Manni murtichaas hordoffii fayyaa jiruun wallaansi akka taasifamuuf, baasii isaanii danda’anii ilmaa fi haadha warraa isaanitiin viidiyoo koonfaransiin akka walqunnaman haalli akka mijatu ajajeera.

Poolisiinis bu’aa qorannaa vaayrasii koroonaa shakkamtoota hundaa akka dhiyeessu gaafatameera.

Abukaatonni shakkamtootaa iddoo icciitii ta’etti maamiltoota isaanii waliin akka walarguu qabanis ajaja laatera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.