Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa obbo Jawaar Mahaammad dabalatee shakkamtoota 8f beellama jijjiiraa Hagayya 22tti laate

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaa obbo Jawaar Mahaammadfaa dabalatee shakkamtoota 8 irratti ragaalee qorannaan duraa dhaga’uuf beellamus sababa bu’aa qorannoo vaayrasii koroonaaf beellama jijjiirraa Hagayya 22tti lateera.
 
Beellamni jijjiirraan kun kan laatame sababa bu’aa qorannoo laabraatoorii vaayrasii koroonaa shakkamtoota lakka 4ffaa hanga 9ffaatti jiraniif Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa guyyaa har’aatti beeksisuu dhabeefi jedhame.
 
Obbo Jawaar Mahaammad maatii isaa biyya alaa jiraatan waliin hanga ammaatti yeroo tokko qofa Viidiyoo konfarasiin wal arguu ibsuun, irra deebiin wal arguuf eeyyamuuf gaafataniiru.
 
Manni murtichaa dhimma kanaa fi kanneen biroorratti beellama itti aanutti ajaja kan itti laatu ta’uu ibseera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.