Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa wixinee labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to’achuuf dhiyaate raggaasise

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to’achuuf dhiyaate raggaasiseera.

Manni marichaa walga’ii bara hojii 5ffaa, idilee 8ffaa guyyaa har’aa gaggeessera.

Walga’iisaa kanaanis ajandaawwan garagaraatti mari’ateera.

Obbo Abbabaa Godeeboo wixinee labsii yakka shoroorkeesummaa ittisuu fi to’achuuf dhiyaate ilaalchisuun gabaasni dhiyeessan gochi shoroorkeessumaa lubbuu namaa, miiraa fi qaama akkasumaas qabeenyaa fi hawaasummaarratti dhiibbaa qabaachu ibsaniiru.

Koreen dhaabichaa dhimma wixinee labsichaarratti hoggantoota hojii abbaa alangaa waliigaraa dhufaan, qaamolee haqaa naannoolee fi bulchiinsoota magaalaarra walitti baba’an, qaamolee qooda fudhattoota garagaraa fi ummata waliin mari’achuu kaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.