Manni marichaa yaa’ii gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarse
Finfinnee, Amajjii 24, 2017 (FMC)- Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Yaa’ii Ariifachiisaa 1ffaa har’a gaggeesseera.
Yaa’icharratti Pireezidaantiin Mana Marichaa Sheek Haaji Ibraahiim Tufaan akka jedhanitti, majiliisnii waggaa lamaa fi walakkan dura garaa itti gaafatamummaatti dhufe hojiilee milkaa’oo hedduu hojjeteera.
Hojiilee kanneen cimsee itti fufsiisuun baatiiwwna muraasan booda waggoota shaniif dhaabbaticha kan hogganan filannoon sadarkaa biyyaalessatti kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.
Manni marichaa yaa’ii har’a gaggeesseenis murtoowwan garaagaraa darbarsuun ibsameera.
Haaluma kanaan sanada hundeeffamaa fi raawwii boordii filannoo qophaa’e raggaasiseera.
Hawaasni musliimaa umriin isaa filannoof ga’e masjiida naannawaa isaatti argamutti galmaa’uun filannicharratti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeesseera.
Hawaasni Musiliimaa filannicha da’eeffachuun sochiiwwan tokkummaa booressanirraa akka of qoqqobu dhaameera.
Dabalataan yaa’ichi miseensota boordii raawwii filannoo Federaalaa filachuun, filatamtoonnis kakuu rawwataniiru.
Waltajjicharratti hoji raawwachiistonnii fi miseensonni Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa akkasumas keessummoonni biroon hirmaataniiru.
Maraa’ol Kadiirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia