Manni marichaa wixinee labsii fi danbii dhiyaate qorachuun raggaasiise
Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa wixinee labsii fi danbii dhiyaatan qorachuun raggaasiiseera.
Manni marichaa yaa’ii idilee 15ffaa waggaa 6ffaa har’a gaggeesseen wixinee labsii Oodtii baasii irra deddeebii hambisuuf fooyya’ee ba’e qorachuun raggaasiiseera.
Wixinichi labsiii lakkoofsa 1251/2013 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera.
Gama biroon dambiin qorannoo tajaajila Herreega Korporeeshinii mootummaa Rippaablika federaalawaa Ityoophiyaa irra deebiin hundeessuuf ba’e mana marichaaf dhiyaateera.
Manni maricha gabaasa dambicha ilaalchisee dhiyaateerratti mari’achuun wixinichi dambii lakkoofsa 11/2013 ta’ee akka ba’u sagaalee guutuun murteessuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummatarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.