Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa Wixinee Labsii bobbii hojii biyya alaa raggaasiise

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Wixinee Labsii bobbii hojii biyya alaa raggasiiseera.
Wixineen labsii kun daddabarsa namootaa seeraan alaa, seera qabeessa fakkeessuun hojii hojjetaman ni ittisa jedhameera.
Wixinichi labsii lakkoofsa 923/2008 foyyeessuu fi labsii hojirra jiru keessatti tumaalee hin hamaatamne kan ofkeessatti hammatu ta’uu ibsameera.
Raawwii irratti rakkoolee muudatan hiikuuf wixinee labsii dandeessisu ta’uus himameera.
Wixineen labsii kun mirga, faayidaa fi nageenyummaa lammiilee haala fooyya’aan ni eegsiisa jedhame.
Raawwii labsii kanaan dura tureen hanqinaalee muul’atanirratti tumaalee foyyeessuu, bobbii hojii biyya alaa Ityoophiyaa dabalaa dhufe sirnaa fi ga’umsaan raawwachuuf kan dandeessisu ta’uu isaa eerameera.
Wixineen labsii kun labsii lakkoofsa 1246/2013’n ta’uun sagalee guutun mirkanaa’uu ragaan Mana Maree Bakkaa Bu’oota Ummataarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.