Manni Marichaa waltajjiin hariiroo sireeffamtoota seeraa biyyoolessaa cimee akka itti fufuuf deeggarsa akka taasisuu gaafatame
Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Manni Maree Federeeshinii waltajjiin hariiroo sireeffamtoota seeraa biyyoolessaa cimee akka itti fufuuf deeggarsa akka taasisuu gaafatameera.
Waltajjiin hariiroo sirreeffamtoota seeraa biyyoolessaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Qindeessummaa Mana Maree Federeeshiniitin kan qopha’ee waltajjichi, preezdaantoonnii fi abbootiin murtii mana murtii waliigalaa federaalaa fi naannoo hirmaataniiru.
Labsii hariiroo mootummootaarratti mariin gaggeeffamaa jira.
Waltajjichaanis seeraa qabeessummaa hariiroo mootummoota, faayidaa fi bu’aasaa ilaalchiseen ibsi taasifameera.
Manni Maree Federeeshinii waltajjiin hariiroo sireeffamtoota seeraa biyyoolessaa cimsee akka itti fufuuf deeggarsa akka taasisuu gaafatamuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.