Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa walga’ii idilee 9ffaa har’a gaggeesseen wixineewwan labsii shan qorachuun raggaasiise

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 9ffaa har’a gaggeesseen wixineewwan labsii shan qorachuun kan raggaasiise yoo ta’u, tokko ammoo koree dhaabbiif qajeelchera.
Wixineewwan 4 koree dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi Diimookraasiin qoratamuun har’a yaada murtoof dhiyaateera.
Wixineen labsii filannoo, galmee paartiilee siyaasaa fi namuusa filannoo fooyya’ee dhiyaate labsii fooyya’ee ba’e lakkoofsa 1135/2013 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera.
Wixineen labsii komishinii farra malaamaltummaa fi namuusa gaarii fooyya’ee ba’e labsii fooyya’ee ba’e lakkoofsa 1136/2013 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera.
Akkasumas wixineen labsii sirna hojmaata araaraa fi abbaa murtee dhuunfaa mootummaa federaalaa Ityoophiyaa murteessuuf fooyya’ee dhiyaate labsii fooyya’ee ba’e lakkoofsa 1137/2013 ta’uun ragga’eera.
Dabalataan wixineen labsii bilisummaa fi hojmaata Miidiyaalee murteessuuf tumame labsii lakkoofsa 1138/2013 ta’uun ragga’uu ibsameera.
Gama biroon wixineen labsii waliigaltee mootummaa Ityoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa gidduutti lammiilee Paaspoortii qabataniif Viizaa hambisuuf waliigalame mana marichaaf dhiyaachuun labsii lakkoofsa 1139/2013 ta’uun sagalee guutuun ragga’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni agarsiisa.
Wixineen labsii bobbii biyya alaa fooyya’uun ba’e mana marichaaf dhiyaachuun yaada murtoof Koree dhaabbii Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii, Dargaggootaa fi hawaasummaaf qajeelfameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.