Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa walga’ii Addaa 6ffaa gaggeesseen haala yeroorratti mari’achuun yaada murtoo dabarse

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Walga’ii Addaa 6ffaa guyyaa hardhaa gaggeesseen haala yeroo fi haleellaa namoota nagaarratti raawwate ilaalchisuun yaada murtoo dabarseera.

Haaluma kanaan:-

  1. Lammiilee gara jabeenyaan ajjeeffamaniif yaadannoon sammuu daqiiqaa tokkoo akka taasifamu
  2. Naannolee biyyattii kamittuu qaamolee lammiilee nagaarra miidhaa fi ajjeechaa raawatan akkasumas qabeenya barbadeessan seeraan akka gaafataman akka taasifamu
  3. Hoggansi qaamoleen nageenyaa fi haqaa sadarkaan jiran yakkamtoota seeraan gaafachiisuuf seeratti akka dhiyeessan
  4. Hojiin lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqa’an gara qe’ee fi qabeenya isaaniitti deebisuu ariitiin akka hojjetamu
  5. Uummanni Ityoophiyaa yeroo kamiyyuu caalaatti obbolummaanii fi tokkummaan akka dhaabbatan
  6. Koreen addaa hoggansa olaanaa mana marichaan hundaa’an dhimmicha qulqulleeffachuun manni marichaa fi uummanni raga gahaa akka qabaatu taasisuu akkasumas yaada duub-deebii tarkaanfii itti aanuuf fayyadan akka dhiyaatu murtaa’uu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.