Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa Tajaajila odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa irra deebiin hundeessuuf labsii dhiyaate raggaase

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Mannii Maree Bakka Bu’oota Ummataa guyyaa kaleessaa walga’ii idilee 16ffaa sa’a booda gaggeesseen Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa irraa deebiin hundeessuuf labsii dhiyaate raggaaseera.

Walitti Qabduun Koree Dhaabbii Dhimmootaa Seeraa, Haqaa fi Diimokiraasii Aadde Itsagannat Mangistuu wixinee labsichaa ilaalchisuun yaada murtee mana marichaaf dhiyeessaniiru.

Yaada murtee dhiyaatee hordofee, wixinee labsii fooyya’ee dhiyaateen Tajaajilli Odeeffannoo fi Tiki Biyyaalessaa ergama isaa ga’umsaan akka bahatuuf kan dandeessiuu aangoo fi qoodama hojii dabalataan akka qabaatu kan taasisuu ta’uu ibsaniiru.

Keeyyanni labsichaa hedduun fooyya’uu fi yaadonni haaraan dabalamuu eeran.

Manni marichaas tajaajila odeeffannoo fi tika biyyaalessaa irra deebiin hundeessuuf labsii ba’e labsii lakkoofsaa 1276/2014 ta’ee kan sagalee hinkennine tokkoo fi sagalee caalmaan ragga’uu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.