Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa Naannoo Afaariif deeggarsa Birrii miiliyoona 14 taasise

Finfinnee, Fulbaana 8, 2015 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Naannoo Afaariif deeggarsa akaakuu garaagaraa Birrii miiliyoona 14’tti tilmaamamu taasise.

Deeggarsichas Ittaantuu Afyaa’ii Mana Marichaa Aadde Loomii Badhoon, Samaraatti argamuun Pireezidaantii Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaatti kennaniiru.

Deeggarsi taasifames dubartoota Miseensota Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataatti filatamaniin sababa waraanaan lammiilee buqaa’aniif kan walitti qaban ta’uu Aadde Loomiin ibsaniiru.

Deeggarsichis uffannaa, paastaa, zayiitaa fi boqqolloo Birrii miiliyoona 14’tti tilmaamamu ta’uu dubbataniiru.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.