Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa murteewwan addaddaa dabarse

Finfinnee, Eebila 29, 2012 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii ariifachiisaa 20ffaa har’a gaggeessen murteewwan addaddaa dabarse.
 
Manni marichaa qaama seerummaa Mana Maree Manneen Amantaa Hordoftoota Wangeelaa Ityoophiyaaf laachuu dhiyaaterratti mari’achuudhan akka ragga’uuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRIf qajeelchera.
 
Imaammata geejiba biyyoolessaa dhiyaaterratti mari’atee, sirreeffama maricharratti dhiyaate ida’uudhan akka hojiirra oolu murteessera.
 
Imaammata damee loojastiiksii irratti mari’achuudhan yaadolii dabalataa mariidhan ka’an ida’uudhan hojiirra akka oolus murteessera.
 
Wixinee dambii hundeeffama Baankii Misoomaa Ityoophiyaa fooyyessuuf ba’erratti mari’atee raggaasisuun Gaazexaa Nagaaritiin akka maxxanfamu murteessera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.