Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa lammiilee waraanaan miidhamaniif deeggarsi akka taasifamu waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015(FBC)- Ityoophiyaanonni utuu wal hinqoqqoodin tokkummaadhaan lammiilee Ityoophiyaa waraanaan miidhaman, deebisanii dandamachiisuuf harka diriirsuufii qabna jechuun, Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa waamicha dhiyeesse.

Pireezidaantiin Mana Marichaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufa, waliigaltee mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT ilaalchisuun ibsa galataa fi gammachuu kennaniiru.

Ibsa isaaniin, walitti bu’iinsi Kutaa Kaabaa Ityoophiyaa waliigalteen xumuramuun maqaa hawaasa musliimaan baga gamaddan jedhaniiru.

Yeroo ammaa duulaa xiqqaarraa gara duula olaanaatti ceeneerra jedhanii, duulli xiqqaan waraana darbe ta’uu ibsaniiru.

Duulli olaanaa fi hundarraa kan eegamuu waraanichaan lammiilee buqqaa’an dandamachiisuudha jedhaniiru.

Kanaaf Ityoophiyaanonni hunduu sanyiin, amantaan, sabummaan utuu addaa adda hinqoqqoodamiin qaqqabuunii qaba jedhaniiru.

Kan gochuufis abbootii amantaalee dabalatee lammiileenii fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu dammaqinaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.