Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa labsii yeroo ariifachiisaa kaase

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC) –Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii ariifachiisaa har’a gaggeesseen labsii yeroo ariifachiisaa kaaseera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 1ffaa marsaa 6ffaa har’a gaggeesseen labsiin yeroo hatattamaa birmadummaa biyyaa baraaruuf ba’e akka ka’u yaada murtoo dhiyaate sagalee mormii 63, kan sagalee hin laanne 21 fi sagalee deeggarsaa caalmaan raggaasiiseera.
Murtoo kana hordofee boordiin sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa hojiilee hin xumurre yoo qabaate, guyyaa murtoo kanaa eegalee baatii tokko keessatti xumuruun gabaasa isaa qaama dhimmi ilaaluuf akka dhiyeessu murtaa’eera.
Haaluma walfakkaatuun qaamoleen haqaa hojii dhimmoota raawwii labsii yeroo ariifachiisaan walqabatan eegalan adeemsa kenniinsa hojii idilee haqaan akka xumuran murtaa’eera jedhame.
Haylayesuus Siyyuumtu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.