Manni marichaa jiraattoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 9 ol sagantaa seeftineetii boqonnaa 2ffaan fayyadamoo akka ta’an murteesse
Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti jiraattoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 9 ol sagantaa wabii nyaataa fi Proojektii misooma seeftineetii boqonnaa 2ffaan fayyadamoo akka ta’an murtaa’uu ibsameera.
Manni Maree Proojektii sagantaa wabii nyataa fi misooma seeftineetii magaalaa Finfinnee yaa’ii ariifachiisaa har’a ggeesseen sagantaa wabii nyataa fi Proojektii misooma seeftineetii boqonnaa 2ffaan jiraattoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 9 fi 918 fayyadamuu akka ta’an murteesseera.
Sagantaan wabii nyataa fi Proojektii misooma seeftineetii boqonnaa 2ffaan jiraattoota harka qaleeyyii kutaalee magaalaa Finfinnee 11 keessatti argaman kilaasteeran gurmeessuun fayyadamoo akka ta’an kan taasiisu ta’uu Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay dubbataniiru.
Sagantaa boqonnaa jalqabaan jiraattoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 15 ol fayyadamoo ta’uu Daayreektarri olaanaan Ejansii Wabii Nyaataa fi Misooma Seenftineetii magaalaa Finfinnee obbo Asaaminaw Geeraawarq eeraniiru.
Kaayyoon sagantichaa lammiilee hiyyummaa keessaa baasuun jireenya fooyya’aa akka jiraatan taasiisuu ta’uu fi sagantaa boqonnaa 2ffaaf calalliin jalqabaa gaggeeffamuu eegaluu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.