Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa Dooktar Dabratshiyoon Gabramikaa’el dabalatee namoota biroo mirga himatamuu dhabuu kaase

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) –Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI namoota yakkoota gara garaan shakkaman mirga himatamuu dhabuu akka ka’uuf Abbaan Alangaa Waliigalaa yaada murtoo dhiyeesse sagalee guutuun ragga’eera.

Bu’uuruma kanaan:-

Dooktar Dabratshiyoon Gabramikaa’el
Obbo Asmalaash Waldasillaasee
Obbo Abbaay Tsahaayyee
Dooktar Ambaasaaddar Addis Alam Beellemaa
Obbo Geetaachaw Raddaa
Obbo Atsibaah Aragaawwii
Obbo Gabra izi’abiheer Ar’aayaa fi kanneen biroo irratti kan dhiyaate yadaa murtoo mirga himatamuu dhabuu akka ka’u sagalee guutuun ragga’eera.

Dabalataanis, manni marichaa miseensa bordii filannoo biyyaalessaa keessaa hir’ate akka bakka bu’uuf yaada murtoo dhiyaate sagalee guutuun raggaasiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.