Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa dhimmoota waloo biyyaalessaa irratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Manni Maree Hawaasa Siiviikii Itiyoophiyaa fi Manni Maree Waliinii Paartilee Siyaasaa dhimmoota waloo biyyaalessaa irratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigaltee kana dura taa’aan Mana Maree Waliinii Paartilee Siyaasaa Dooktar Raaheel Baaffee fi Daayrektarri Olaanaan Mana Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivikii Ityoophiyaa Heenook Maaleseen mallatteessaniiru.
Akka waliigaltichaatti manneen maree kunneen marii biyyaalessaa, ijaarsa sirna diimookiraasii, waldhabdee hiikuu fi dhimmoota biyyaalessaa biroo irratti waliin ni hojjatu.
Keessattuu marii biyyaalessaa milkeessuuf manneen maree kunneen waliin hojjechuun murteessaa ta’uu ibsameera.
Manneen maree lamaan waliin hojjechuun rakkoolee biyyaalessaa itti fufiinsaan hiikuun ummata fayyadamoo taasisuuf qooda olaanaa qabaachuu himameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.