Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa booru walga’ii idilee ni gaggeessa

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2012 (FBC – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 17ffaa bara hojii 5ffaa guyyaa booru waajjira muummee Ministiraatti ni gaggeessa.
 
Manni marichaa walga’ii idilee booru gaggeessuun qaboo yaa’ii walga’ii idilee 16ffaa bara hojii 5ffaa fi muudama miseensota Koomishinii nageenyaa qorachuun ni mirkaneessa jedhame.
 
Akkasumas yaada murtoo wixinee labsii garaagaraa dhiyaatan qorachuun ni raggaasisa jedhamee eeggama.
 
Ajandaawwan garaagaraa 15 olirratti marichaan kan raggaasisu ta’uu ragaan Waajjira Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.