Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa boordii sakattoo hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaa hundeesse

Finfinnee, Onkokoleessa 26,2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa boordii sakattoo hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaa hundeesse.
 
Manni marichaa boordii sakattoo hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaa miseensoota 7 of keessa qabu hundeessuu beeksiseera.
 
Haaluma kanaan :-
 
1.Obbo Lammaa Tasammaa walitti qabaa boordichaa
2. Aadde Jambarnash Kinfee itti aantuu walitti qabduu
3.Aadde Hawwaa Alii miseensa
4.Obbo Allebaachawa Laaqoo miseensa
5. Obbo Zarihuun Pheexiroos miseensa
6.Aadde Askaalaa Xilahuun Miseensa
7. Obbo Wandimmuu Gizaw miseensa taasisuun filateera.
 
Manni marichaa sagalee mormii 6 fi sagalee caalmaan miseensota filataman kanneen mirkaneesseera.
 
Aangoo fi ga’ee Boordichaa
 
1. Maqaa namoota sababa labsii yeroo ariifachiisan hidhamanii fi sababa hidhamaniif baatii tokko keessatti ifoomsuu.
 
2. Tarkaanfiwwan yeroo labsii ariifachiisaa keessatti fudhatamu hundi mirga namoomaa akka hin sarbine too’achuu.
 
3. Wayita labsii yeroo ariifachiisa tarkaanfiin fudhamu mirga namooma kan sarbe taanaan Muummeen Ministiraa yookaa Manni Maree Ministirootaa tarkaanficha akka sirreessu yaada dhiyeessuu.
 
4. Qaamooleen wayita kana mirga namoomaa sarban Mana Murtiitti akka dhiyaatan taasiisuu.
 
5. Labsiin yeroo ariifachiisaa akka itti fufu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf gaaffiin yoo dhiyaatu yaada irratti laata.
 
Hayleyyesuus Siyyuumtu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.