Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo jijjiirramaa furuun fala yeroo gabaabaa fi dheeraa gaafata- MM Dr Abiy

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Jijjiirramaan dura Ityoophiyaan sadarkaa jiguurra geesset turte jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gaaffilee walga’ii addaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRIrraa ka’aniif deebii laataniiru.
 
Biyyattiin neetwoorkii mootummaa jijjiirramaaf gufuu ta’aniin hidhamteet turteen ibsaniiru.
 
Kanaaf nuti ammoo fala yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa kaa’uun socho’aa tureerra jedhaniiru.
 
Caasaa, hojimaataa fi hoggansa jijjiirrama eegalame sochoosu uumuun yeroo akka fudhatu Dooktar Abiy ibsaniiru.
 
Hariiroon mootummaa federaalaa fi naannoo jidduu jiru maal ta’uu akka qabu heerarra kaa’ameera. Sana kabajuudhan hojjechaa jirras jedhaniiru.
 
Ityoophiyaa shororkeessuu fi jigsuuf Alshabaabii fi qaamoleen biroo socho’aa turaniiru; caasaan nageenyaa sana ittisuu fi to’achuuf hojiin hojjete cimaa waan ta’eefi malee rakkoo hamaatu dhalataayyu.
 
Manneen amantaa fi manneen barnootaa sadarkaa olaanaa humna nageenyaa hidhateen eegun amala haaradha. Amalli haaraan biyyattiitti uumamuu hin malle dhalachaa jiraachuu isaatin jedhaniiru.
 
Barattoonni butamuu ilaalchisee kan butame hin muul’atu, eenyummaan isaanii hin beekamu, kan butes hin beekamu; kanaaf mootummaanis sochii barbaachaa hojjechaa tureera.
 
Barattoota butaman jedhame keessaa kan ajjeefame hin jiru. Koreen dhaabbatee irratti hojjechaa kan jiru yammuu ta’u, hojichi gaafa xumurame ibsa ni laannas jedhaniiru.
 
Biyya tokkotti qaamni hidhatee fi mootummaan lama hin jiraatu; kanaaf rakkoon Lixa Oromiyaa karaa nagayaatin akka hiikamu fedhii qabna. Yoo ta’uu dide garuu seera kabachiisun dirqama ta’a jedhaniiru. Rakkoon Kibba Oromiyaa garuu tasgabbaa’aa jiraan ibsaniiru.
 
Rakkoo Lixa Oromiyaa qaama karaa nagayaatin nan fura jedhuuf, tumsa ni taasisna; mootummaan kanarratti rakkoo hin qabu; obboleeyyan akka walajjeesan waan hin barbaannef jedhaniiru muummee ministiraa.
 
Dhaabbilee mootummaa guutummaan yookin gariin gara dhuunfaatti ceesisuun of eeggannaa barbaada waan ta’eef, xiyyeeffannoon irratti hojjenna jedhan Dooktar Abiy Ahimad ibsa mana mareef laataniin.
 
Dhuunfaaf yoo dabarfaman, burjaajjii fi hanni akka hin uumamne of eeggannoo ni taasifama. Dhuunafaafis yoo dabarfaman, invastaroonni carraa hojii fi waan dabalataa itti ida’uu qaba jenneet amannaan ibsaniiru.
 
Paartiin biyya bulchu, Paartii Badhaadhinaati; muummee ministiraa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatin muudame mirga kaabinee gurmeeffachuu fi raggaasifachuu ni qaba.
 
Namoota Tigraayii dhufan hin dhiibnu, nan dhiiba jedhee kan yaadus yoo jiraate kan dogongore. Mootummaan federaalaa mootummaa naannoo Tigraay waliin hojii waloo ni hojjeta jedhan.
 
Filannoon baranaa akka nagayaan xumuramu hunduu tumsuu qaba. Rakkoon jiraatullee filannoo gaggeessun nageenya biyyaatifuu murteessadha.
 
Qabeenyaa fi maallaqa alatti kuufame biyyaaf deebisiisun fedhii fi tumsa biyyoota alaa gaafata. Fedhiin isaanii jiraatus deebisiisun garuu adeemsa gaafata jedhan.
 
Dhimmi Hidha Haaromsaa akkataa faayidaa Ityoophiyaa eegee fi biyyoota ollaa hin miinen raawwatama.
 
Maricha xumuruun Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsiifis faayidaadha jedhaniiru.
 
Jijjiirramaa eegalee amma ammaatti Doolaarri miiliyoonni 22.9 fi warqeen kiilo giraamni 14 Baankii Biyyoolessaa Ityoophiyaatif galii ta’eera.
 
Daandiin Wallagga Buree akka xumuramuuf koontiraaktara biroof dabarsuun hojjetameeran ibsaniiru muummee ministiraa.
 
Rakkoon neetwoorkii Lixa Oromiyaa ooppireeshiniin rakkoo nageenyaa achitti gaggeeffamu akkauma xumurameen, bifa ni qabataan ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.