Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa ajjeechaa Obbo Girmaa Yeshiixilaan gadda itti dhaga’ame ibse

Finfinnee, Eebla 20, 2015 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa ajjeechaa Obbo Girmaa Yeshiixilaan gadda itti dhaga’ame ibse.

Miseensi hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa Girmaa Yeshixaa Eebla 19 bara 2015 Naannoo Amaaraa Aanaa Manzi Geeraa bakka addaa Guwaasaa jedhamuun beekamutti fiinxaaleyyii hidhataniin haleellaa irraa ga’een eegdotaa isanaii dabalatee ajjeefamuu yaadachiiseera.

Manni marichaas ajjeefamuu Obbo Girmaa Yeshiixlaatiin gadda itti dhaga’ame ibseera.

Obbo Girmaan yeroo hunda aadaan siyaasaa waldanda’uu fi walkabajuu ummata Ityoophiyaa biratti akka dagaaguu, akkasumas waliin jireenyii fi obbolummaan akka cimuu fi itti fufuuf carraaqaa turan.
Obbo Girmaa Yeshiixilaan Ityoophiyaa haqni hawaasummaa fi walqixxummaan akkasumas, tokkummaan sabdaneessummaa kan keessatti dagagge ijaaruuf hrmaannaa taasifamu keessatti obbo Girmaan waahillan hojii isaanii waliin miira itti gaafatamummaan tattaafataa jiraachuu ibseera.

Kabajamoo Obbo Girmaa Yeshiixilaa sabboonaa, hogganaa siyaasaa kutannoo turuu fi lammii isaaniif jecha yeroo isaanii, fayyaa isaanii fi dhumarratti lubbuu isaa qaalii bakka hin buune biyyaa fi ummataaf isaaniif jeha wareeguu eereera.

Obbo Girmaan seenaa siyaasa Ityoophiyaa keessatti kan hindagatamneedha jedheera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa ajjeechaa Obbo Girmaa Yeshiixilaa fi eegdota isaanii mudateen gadda itti dhaga’ame ibsuun, gocha qaanessaa haleellaa fiinxaaleyyii ajjeechaa raawwates cimsee akka balaaleffatu ibseera.

Maatii, hiriyoota fi waahillan isaanii hundaaf jajjabina hawweera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.