Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa Afrikaatti uwwisa talaallii Covid -19 waliin ga’uuf deeggarsi idil addunyaa barbaachisaa jedhe

Finfinnee, Caamsaa 12, 2013 (FBC) –Dhaabbata Mootummoota Gamottoaniitti Manni Maree Nageenyaa Afrikaatti uwwisa talaallii Covid -19 waliin ga’uuf deeggarsa idil addunyaa dabaluun barbaachisu ta’uu ibseera.
Afrikaan hanga ammaatti talaalli Covid -19 akka addunyaatti raabsame keessaa % 2 qofa argachuu ishee ibsameera.
Talaallii akka addunyaatti raabsame biiliyoona 1.4 keessaa Afrikaan miiliyoona 24 qofa argatte jedhame.
Hanqinni dhiyeessii fi raabsi madaallawaa ta’e dhabamuun tattaaffii ardichatti weeraricha dandamachuuf taasiifamurratti gufuu ta’uu Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez himaniiru.
Uwwisa Talaallii haqa qabeessa ta’e, qorannoo, yaalli qulqullinaa qabuu fi raabsa qorichootaa waliin ga’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Ardii Afrikatti hanga ammaatti namoota miiliyoona 4 fi kuma dhibba 7 fi kuma 59 vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 27 fi 596 lubbuu dhabaniiru.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.