Fana: At a Speed of Life!

Manni maricha walga’ii idilee 7ffaa gaggeesseen muudama miseensota Boordii EBC raggaasise

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 7ffaa bara hojii 6ffaa mana maree 5ffaa har’a gaggeesseen muudama miseensota Boordii Broodkaasting Koorporeetii Ityoophiyaa raggaasiseera.

 

Manni marichaa muudama miseensota boordichaa  Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dhiyeessan raggaasiseera.

 

Dooktar Alamuu Simee walitti qabaa Boordichaa taasiisuun muudera.

 

1.Dooktar Alamuu Simee -Walitti qabaa

 

  1. Dooktar Eergoogee Tasfaayee –miseensa

 

3.Aadde Yetnabarsh Niguse –miseensa

 

4.Proofeesar Mararaa Guddinaa –miseensa

 

5.Obbo Yeshiiwaas Tasfaayee –miseensa

 

6.Ustaaz Abbuubakar Ahimad –miseensa

 

7.Aadde Kaamiyaa Junaddii –miseensa

 

8.Dooktar Aragaawii Barihee miseensa taasiisuun muudera.

 

Manni marichaa wixinee labsii miidiyaalee dhiyaate qorachuun koree dhaabbiif qajeelchera.

 

Akkasumas Wixinee labsii komishinii namuusaa fi farra malaamaltummaa irra deebiin fooyyesuuf dhiyaate qoratee koree dhaabbiif qajeelchuu ibsameera.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.