Manni Maricha Muudama Komishinara Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa ni raggaasaan eegama
Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa walga’ii idilee 17ffaa bara hojii 4ffaa boru ni taa’a jedhame.
Manni marichaa walga’ii isaan Wixinee Labsii Barnoota Waliigalaa ilaalchisee gabaasaa fi yaada murtoo Koreen Dhaabbii Dhimmoota Misooma Humna Namaa, Bobbii Hojii fi Teeknooloojii dhiheessu qoratee ni raggaasisas jedhameera.
Dabalataan Muudama Komishinara Olaanaa Komiishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaas akka raggaasisu ragaan mana marichaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia