Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree waloo paartilee morkattootaa sagantaa dhaabbii biqiltuu gaggeessan

Finfinnee, Adooleessa 3, 2013 (FBC)- Miseensoonni Mana Maree waloo paartilee morkattootaa ‘Kottaa Ityoohiyaa Uwwisnaa’ jedhuun sagantaa dhaabbii biqiltuu gaggeessaniiru.

Hoogganaa Paartii Badhaaadhinaa Finfinnee obbo Mallas Alamuu, sagantichi ashaaraa magariisaa ka’uurra darbee dabalataanis ijaarsa deemokiraasif shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Yeroo itti aanuuttis paartiin kamuu yaa injifatuu dhimmoota biyyaarratti waloon akka dhaabbatan himaniiru.

Walitti qabduun Mana Maree Dooktar Raaheel Baatee gama isaanii, hoggantoonni paartiilee siyaasa waloon dhaabbachuun hojii bu’aa qabu hojjechu qabu jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.