Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarse

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Manni Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa ergaa baga Sooma guddicha Ramadaanaa geessanii dabarseera.
Preezdaantiin Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa, Sheek Hajii Ibraahim Tufaa,hordoftoota Amantaa Islaamaa maraan maga Baatii Guddaa Sooma Ramadaanaan isin ga’e jechuun ergaa dabarsaniiru.
Sooma Ramadaanaa yeroo soomnu nyaataa fi dhugaatirraa fagaachuun qofa osoo hin taane, gocha badaarraa of tiksuun ta’uu akka qabu dhaamaniiru.
Hawaasa sababa balaa uumamaa fi namtolchee addaa addaan rakkoof saaxilaman deeggaruu fi kadhannaanis bira dhaabbachuu akka qaban Preezdaantiin mana marichaa dhaamuu OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.