Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa sagantaa Ifxaaraa gaggeesse
Finfinnee, Bitootessa 4, 2016 (FBC) – Manni Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa sagantaa Ifxaaraa magaalaa Finfinneetti gaggeesseera.
Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee, Ambaasaddaroonni, Dippiloomaatonni, bakka bu’oonni gumii dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa, bakka buutonni Mana maree dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinneefi naannolee akkasumas abbootiin amantaalee saganticharratti argamaniiru.
Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa, Dooktarri kabajaa Sheeh Ibraahim Tufaan, baatii sooma ramadaanaa keessa walgaafachuu fi walitti dhiyaachuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Manni marichaas kana tilmaamama keessa galchuun sagantaa Ifxaaraa kana qopheessuu eeraniiru.
Hawaasni Musliimaa baatii ramadaanaa namoota rakkatan gargaaruun, kan waldhabe araarsuun hojiiwwan gaggaarii hojjechuun dabarsuu akka qaban dubbachuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.