Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Nageenyaa DhMG wixinee dhukaasa dhaabuu Gaazaa Ameerikaan qopheessite deeggare

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2016 (FBC) – Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii wixinee dhukaasa dhaabuu Gaazaa Ameerikaan qopheessite deeggaruun sagalee kenne.
Miseensota Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii 15 keessaa 14 wixinee kana yoo deeggaran yoo ta’u, Raashiyaan sagalee hin kennine jedhame.
Wixineen kuni akka ibsutti Isiraa’el karoora kanaan walii galteetti, Hamaasis akka fudhatu gaafata.
Kana dura mootummonniifi miseensonni biyyoota guddatanii (G7) karoora Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidaniin ifa taasifame deeggaraniiru.
Wixinee kana kaabineen waraanaa Isiraa’el waliigaleera.
Ministirri Muummee Isiraa’el Beenjaamin Netaaniyaahu karoora Pireezidaant Baayidaniin dhihaate akka deeggaran kallattiin akka hin dubbanne BBCn gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.