Fana: At a Speed of Life!

Manni maree nageenya magaalaa Finfinnee hundeeffame

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Manni maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee har’a hundeeffameera.
Manni maricha magaalaa Finfinneetti nageenya waarawa buusuuf walitti bu’iinsa mudatan, tasgabbii wayita dhibamuu dursanii ittisuu, olaantuumma seeraa kabachiisuufi walitti bu’iinsa mudatee kaaraa nagaan furuuf hawaasan hirmaachisuun nageenyuumma jiraattotta mirkaneessuuf kan huundeeffame ta’uu ibsameera.

Hundeeffama mana maricharratti kan argaman itti aantuu kantiiba magaalaa Finfinnee aadde Adaaneech Abeebee dabalatee hoji gaggeessoota olaanoo bulchiinsa magaalicha, abbooti amantaa, namoota dhuunfa bebbeekamo akkasumaas kutaan hawaasaa waamichi taasifamee irratti argamaniiru.

Humdeeffamni mana marichaa nageenya waarawa mirkaneessuu guddina magaalittii fi badhadhinaa isheef murteessadha jedhaniiru.
Hundeeffamicharrati haasawa kan taasisan aadde Adaaneech, teessoo dhaabbilee idil addunya kan taatee magaalaan keenyaa nageenyii jiraattota magaalitti haala amansisaa ta’een mirkaneessuuf hojii wagga mana marichaati jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.