Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Nageenya Dubartootaa Oromiyaa hundaa’e

Finfinnee, Bitootessa 4, 2012(FBC) – Federeeshiniin Dubartoota Naannoo Oromiyaa walga’ii guyyaa lamaaf gaggeessaa ture goolabe.

Federeeshinichi Mana Maree Nageenyaa Dubartoota Naannoo Oromiyaa hundeessuun walga’ii isaa xumureera.

Manni maree hundaa’e kun sadarkaa naannootti miseensoota 195 kan qabudha.

Godinaalee fi bulchiinsa magaalotaa hundarraa namoonni shan shan miseensa mana marichaa ta’un keessatti kan hirmaatan ta’a.

Manni maree kun haaluma wal fakkaatun sadarkaa godinaa, bulchiinsa magaalaa fi aanaatti kan hundaa’u ta’a.

Hundaa’uun mana marichaa nageenya mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa kan qabudha jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.